Friday, July 11, 2014

Ammoo taariikhni dhaloota fishin kiyyaa akkan harrigutti bara kum tokkoofii dhibba sagaliifii soddom


Ammoo taariikhni dhaloota fishin kiyyaa akkan harrigutti bara kum tokkoofii dhibba sagaliifii soddomii afuri akka taariikha faranji`itti yaroo xaaliyaan harar seenuu jalqabde fishin yaroo san hoggaa ashkara xalyaana duraa kara`arraa baqatu`uu yaanu abbaan kiyya kabiir abdullee kabiir mummayyaa umar jaarraa jiloo dirba aleeloo mayyuu limmoo gurmu`urrattti naan deema kan hogiin lafa na kaayanii miila kiyyaan deemu duuba akkan seyutti yaroo san bara afur gayuu hin oolu haati tiyya faatima abbaan kiyya abdulle`eeti .
Ammoo gara haadhatiin hayyoota biyyaati abbaan haadha tiyyaa nama heera irraa baru`uu warri biyyaa itti fe`atuu inni gosa gaamotii akkaan umrii dheerate kan dhibbaafii soddomii ol gaye kan ayliin isaa hin tuqamin du`ani isaa hoggaa hunda { yaa hafiiz yaa salaam sallimnaa minal balaa } jechuu wannin isarra qabadhe kan gorsa naaf taye { nama suuta deemu qoreen fishin suuta waraanti } jechuu maqaan shurra ahmed yuusuf haati tiyya faaximaa shurraa ahmed .
Barmoota kiyya kan duraa abbaa kiyya kabiir abdullee kabiir muumay-ya`arrattiin baradhe alifirraa qabee waan abbaan kiyya kabiir biyyaa tayeef . abbaan kiyya rabbi rahmata haa godhuufii kan gargaarsatti haajamu kan na malee nama isa garsaaru hin qabne kan dubra shan keessaa dhiirti ana qofaa kanan guddadhee isa gargaaruu jalqabe buna dhaabu`uufii fishin lafa qotu`uufii mana jaaruu mawlida qara`uufii waan kana fakkaataa hundaan fishin isaaf dhaabbatuu gaye narraa maaramee deemii waanan an si barsiisuu hin dhaqqabne fagaadhuu ilmi`ii si kennee baradhu naan je`ee na eebbise duuba isaanirraa fagaadhee waa baratu`uuf hirna dhaqe . duuba hirnatti sheekh aliyyii badru`urratti ilmii fiqhi`ii jalqabe wannin dura dursoo isaanitti qajeelef adeera kiyya sheekh muusaa untur isarratti qara`e an { mukhtasara } sheekh muusa`arrattin qara`ee duuba isaa sheekha isaa sheekh aliyyii badruu faarsu dhageenyan qalbiin gara isaanii gara na galtee hirna dhaqee fiqhii isaanirratti jalqabee fishin baafadliifii umdaa isaanirratti qara`e tawhiidarraa ummulbaraahiin nuuruzzalaam irratti qar`ee eegasii biyya sheekh muhammed jaldii { dhidhiibama } dhaqee ilma isaanii sheekh ahmad sheekh muhammed jaldi`irratti zubad qara`ee eegasii biyyatti ol deebi`ee sheekh ibraahiim bakharraa { tawshiiha qara`ee haadhaa abbaa kiyya irraa hanga bara diiddamaa alan deemaa eehama naa khennaa je`eenii barbaadee duuba aayyun odoo boochuu eehama naa kennite kan ijaan na laaluu hin dandeenye ammoo aabaan duraanuu iznii naa godhe akkasitti isaan biraa deeme abbaan kiyya hoggaa san galma sheekh umaree aaw`aliiti ajjeeru`utti jiraa manuma gubba`aa gad na laalaa harkafuudhu hin dhaqqabne isaan hangan ana kaarra qaaru manuma gubba`aa na laalu duuba eega bara afurtamaatii malee waliin agarre akkasittin biyya teenya laga arbaatii bakha dhaqee qabrii sheekh ismaa`iiloo bakhaa saahiba ammallee sheekha fishin akhaakhiyyee kiyyaa waliyyii rabbii kan akhaakhiyyee khiyyaa du`aa`ii godhee ilma ilma keetii keessatti na eegi je`een duuba qabrii isaa ziyaaree intala isaanii tan sheekh ahmed yuusufe`ee irraa du`etti wannin dhaame akka kitaabban abbaan isaanii sheekh ismaa`iloon allafe takkaayuu barreesse tiysii baduu dhoowwi je`een hoggaa san ilma obboleessa isiitifii ilma indooyyee fishin yookaa haboo tiyyaatu na wajji jira duuba eegasii baabura hadiidaa yaabbannee harar dirrii dhawaa dhayne eegasii addeellee fishin sheekh muhammed rashaad saahiba sheekh muusaa addeelle`ee bira dheyn`e eegasii madiinaa harar dhayn`ee qabrii abaadir fishin ziyaarree ammalee qabrii sheekh haashim harari`ii ziyaarree akkasuma qabrii sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaarree qabriin isaanii abaadir duuba jirti saahiba isaanii tokkootu itti nu qajeelchee sheekh ibraahiimin kun haadha tiyyaaf abaabiyyee taya inni carcaritti dhalate qabriin abbaa isaa khaara barkallee madii bakka khaarra gurbayyee jecha`aan beekhamte jirti khaarritti barkalleetifii khaarritti gurbayyee bakkuma takka isii hoggaa eel tokkerraa fishin gara carcar deeman itti dhufan hoggaa khaarra barkalle`erraa gad bu`an kharaan bakka sadiyitti addaan baya tokko bitaa gara saqa jiillee gora tokko mirga gara habro`oo gora duuba qabriin umar gurbayyee karaa kana keessa jirti ammoo karaan jiddu jereysaa qajeeletuma haratti nama geessa duuba umar gurbayyee kun ilmaan kudhan qaba inni ashraafarraayii ilmii jaalata ilmaan isaa kurnanirraa fishin ilma isaa ibraahiim deemee harar dhaqee haa ilmii baratuu je`ee zakaa kennate akkasitti fishin ilmi isaa ibraahiim joollee fishin itu`uu heddu`uun wajji barmootaf magaalaa harar dhaqan duuba isaanii achi jiru amaarri itu`utti duule jechaa dhagayan dhageenyan darasaan itu`uu amaaran loltee ummata isaanirraa deebisu`uu jecha ilmii dhiisanii biyya itu`utti qajeelan sheekh ibraahiim umar gurbayyee malee ammoo sheekh ibraahiim abbaan kiyya ilmi`iif zakaa na baafatee ilmii hin dhiisu je`ee magaalaa hararitti hafe hanga aalima tayee qeessota amantii kiristaanatiin fuula iyyaasu`uu duratti qabsoo ilmi`ii walii bayanii sheekh ibraahim qeessota hundarraa aane liji iyyaasun fishin harka isarratti amanee waliyyumma`aan beekkametti duuba ilmii b

No comments:

Post a Comment